HIRRIBAAN DEEMUU [sleep walking] – Dr.Daawwit

4
304

Hirriba keessa deemuun keessumattuu ijoolllee umriin ganna 3 -7 keessatti beekamaadha.

Namootni haga 15% ta’an rakkoo hirribaa dammaqanii, ija banatanii oljedhanii taa’uun deebi’anii rafuu haga ka’anii deeemuun gochoota wal xaxoo ta’an garaga keessatti hirmaachuu ga’u ni qabaatu jedhamee tilmaama.

Yeroo baayyee ijoolleen umriin dabalaa gaafa deeman wanti kun hafaa kan deemu ta’us darbe darbee namoota gurguddaa keesattillee ni mul’ata.

MALLATTOOLEE HIRRIBAAN DEEMUU
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷
Yeroo baayyee erga rafanii saatii 2 fi 3 gidduutti; yeroo namni hirrba guddaa keessa jiru nama mudata.Darbee darbee guyyaa guyyaan torbeetti ykn waaggttilee kan namatti dhufuu danada’u yoo ta’u, halkan tokkotti al lama sadii illee deddeebi’uu danda’a.Yeroo baayyee rafiitii guyyaa keessa hin dhufu.

1. Namootni dhibee kana qaban rafiitii keessa ka’anii ija banachuu, ol jedhanii taa’u; yoo itti haasa’an namaaf hin deebisan ; yeroo muraasa booda deebi’anii rafu.

Kaan immoo ka’anii deemu.Waan nama dhibu namootni tokko tokko gufuu isaan fuul dura jirullee utuu itti hin bu’in irra darbu akka nama arguutti.

Muraasni immoo manaa ba’uun gochoota wal xaxoo ta’an kan akka konkolaataa konkolaachisuu, waajjira ofii dhaquu fi wal quunamtii saalaa gochuu keessatti qooda fudhatu.

2.Namootni kun dabalataan hirriba keessa dubbachuullee ni qabaatu.

3. Namootni kun yeroo hirriba keessa deemaa jiran ijni isaanii banaa haata’u malee hirriba keessa waan jiraniif dammaqsuun baayyee rakkisaadha.Darbee darbee namoota isaan dammaqsan irra miidhaa geessisuuulle danda’u.

4.Gaafa dammmaqan lafa jiran yk waan goc
haa jiran hin beekan.Utuu hin dammaqin yoo hirribatti deebi’uu milkaa’an ganama yoo gaafataman waanta godhan kana hin yaadatan.

5.Gocha adda ta’ellee gochuu danda’u kan akka iddo teessuma uffataafaatti fincaan fincaa’uu

MAALTU NAMATTI FIDAAA??
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷
1.Namni halkan deemu maatii keessa jiraachuun rakkoo kanaaf nama saaxila

2.Sagantaan hirriba ofii jeeqamuun;hirriba dhabuu

3.Dhibee dhiphuu / yaaddoo
4.Dhugaatii alkoolii fi araada garagaraa

5.Qoricha hirribaa baayyee fudhachuu

6.Dhibee qaama namaa ho’isu / bulluqsuun qabamuu [fever]

7.Dhibee gaggabdoo adda ta’e (frontal lobe epilepsy, temporal lobe epilepsy)

8.Dhibeen garaachaa/ liqimsituullee namatti fida (GERD)

WALXAXA (complications)
=====================
1.Guyyaa hojii ofii hojjecchuu dadhabuu, sababa hirribni ciccituutiin boqannaa ga’aa Dhabi.

2.Gochoota nama qaanessan hojjechuun kan saalfii ta’uu. fkn ija namaa dura qullaa deemuu, nama wajjin wal quunnamtii saalaa gochuu hin feenee / hin hayyamamne wajjin gochuu (fira/aantee ofii wajjin illee ta’uu danda’a)

3.Deemsa kana keessa namoota fi mataa ofii irrati miidhaa geessisuu.fkn konkolaataan namoota rukutu ,deemsa keessa hayyallaa lixuu fikkf

4.Hirriba namoota isaan bira jiranii/rafanii jeequu

ITTISAA FI WALDHAANSA
====================
Hirribaan deemuun yeroo baayyee gaafa umriin ganna 10 darban yaalama tokko malee ni bada.Garuu darbee darbee balaa qabeenyaa fi lubbuu namaarratti qaqqabsiisuu waan danda’uuf ittisaa fi yaalii barbaaduu danda’a.

Keessattuu erga umrii ijoollummaa keessaa ba’anii tasa kan namatti dhufe yoo ta’e mana yaalaa dhaquun haalaan sakatta’umsi godhamee ka’umsi isaa erga baramee yaalamuun barbaachisaadha.

Eaggannoo fi yaalisaa akka barbaachisummaa isaaniitti armaan gaditti tarreeffamaniiru

1.Nama hirribaan deemu yoo manaa qabaattan lafa rafiitii isaa yeroo mara qulqulluu gochuu keessumattuu meeshaalee gufuu itti ta’uu fi miidhaa irraan ga’uu danda’an karaa duraa kaasuu.Meeshaalee qara qaban illee akka fuudhee namaa fi ofii isaarratti balaa hin geessifneef karaarraa maqsuu.

¶Foddaa fi balbaloota yeroo hunda sirriitti cufuu, keessumattuu mana gullantaa (stairs) qabu yoo ta’e balbala gara gullantaatti nama geessu cufuu.

¶Yoo konkolaataan jiraate galgala galgala yeroo mara furtuu harkaa fuudhuu fi iddoo inni hin beekne dhaabuu.

¶.Yoo danda’ame sa’aatii inni yeroo mara ka’ee deemu daqiiqota muraasa dursanii dammaqsuu fi erga daqiiqota muraasaaf itti haasa’anii booda deebi’e akka rafu gochuu.

¶.Yoo gaafa deemaa jiru argan suuta gara rafiitii isaatti utuu hin dammaqsin deebisuuf yaaluu, yoo didee fi gara balaatti deema jira jedhamee yaadame dammaqsuun dirqama ta’a.

2.QULQULLINA HIRRIBA OFII EEGUU

3.Dhiphuu/yaaddoo ofirraa ittisuu fi yeroon yaalamuu

4.Dhibee ka’umsa ta’uu danda’an yeroon beekanii yaalamuu

5.Dhugaatii alkoolii fi araada biroo hir’isuu ykn ofirraa fageessuu

6.yoo hammaate mana yaalaa dhaquun gorsaa fi qoricha argachuu
============
“FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU”

4 COMMENTS

  1. Maxxansawwan marsariitii kana irraa karaa “Email”ii yeroo yerootti hordofuuf kaleessa galmaa’ee (“subscribe” godhee) har’a ammoo ganamumaan yemmuun sanduuqa xalayaa koo ilaalu, gorsa ogeeyyii fayyaatu keessa jira. Achumaan kallattiidhaan dubbiseen baay’een gammade. Waanuma Dooktarri fayyaa manatti tajaajila dhuunfaa namaaf kennu namatti fakkaata. Baay’ee namatti tola. Sanuu afaan ofiitiin namoota jaallatan irraa, kan ofii irraa tajaajila akkasii argachuun baay’ee baay’ee namatti tola. Maxxansa kana dubbiseen jira. Isa kaanis nan dubbisa. Tokkoo tokkoo isaa irratti ammoo yaada kennuun barbaada, nan kennas. Baay’ee nama barsiisa, namatti tola, barbaachisaadha, murteessaadhaatii jabaadhaa! Nuuf jiraadhaa lammii koo.

    • (Yaada 2ffaa:)
      Maxxansichi garuu, mallattoolee geessituuwwan (links) ittiin miidiyaalee hawaasaa kanneen akka “feesbuukii” faa irratti hiran akkamitti dhabee? Ofii dubbisee namootni kaanis dubbisanii achumaan marsariitii kana akka daawwatan afeeruuf hiruuf jedheen geessituu (link) ittiin hiran dhabe. Akkan yaadutti, geessituun jiraachuu qaba. Namootni baay’een “Email”ii caalaa “feesbuukii” baay’inaan fayyadamu. Beekamtii marsariitii kanaafis baay’ee barbaachisa.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here