Gaaffiilee Waa’ee Koroonaa Vaayirasii – Dr.Nuuraddiin Lukeetiin

Waa'ee Koroonaa Vaayirasii : Vaayirasiin Koroonaa akkamitti Ka'e, Akkamitti daddarba, Namoota akkamii Miidha? - Dr.Nuredin Luke Maal jedha

0
417
Vaayirasiin Koroonaa akkamitti Ka'e, Akkamitti daddarba, Namoota akkamii Miidha? - Dr.Nuredin Luke Maal jedha

Deebii: Waa’ee Coronavirus fi COVID-19 Lakk. #3
********************************************


VII. Ka’umsi vaayirasii kanaa maaliidha/eessaa ka’ee?

* Dhukkubni VaayirasiiKoronaa yeroo ammaa muldhachaa jiru (COVID-19) kun biyya Chaayinaa, magaalaa Wuhan jedhamtu keessatti ji’a lama hardhaa addaan bahe. Dhukkubsatoonni jalqaba mana yaalaa geeffaman ammoo gabaa foon beeyiladootafi bineensota, akkasumas qurxummii kan “Huanan Wholesale Seafood Market” keessa hojjataniifi achii fayyadamaniidha. Bifa foonii gurguramaa ture keessaa kamtu vaayirasii kana fide kan jedhu sirritti adda bahuu baatullee, qorannoo qacee sanyii vaayirasichaa irraa jalqa Sinbira Halkanii irraa dhuufuu akka hin oolle shakkama. Vaayirasichi san booda nama irraa gara namaa daddarbaa jira.


VIII. Vaayirasichi haala kamiin nama irraa gara namaatti daddarba?

* Dhukkubni VaayirasiiKorona (COVID-19) kun hariiroo qaaman namni wolitti dhihaatee godhuun nama vaayirasicha qabu irra gara nama hin qabneetti darba. Namni dhukkubicha qabu yoo qufa’uufi haxxifatu, haxxifannaaf qufaa san wojji vaayirasichi gara alaa bahuun keessattu nama fageenya dhihoo meetiri tokko gadii jiru yeroo ol harganu seena jechuudha. Haala kanaan namoota mana tokko keessa jiraatan, konkolaata tokko keessa yeroo dheeraf woliin turan jiddutti carraan kara kanaan daddarbuu isaa guddaadha. Dabalataan waan nami sun itti qufa’e ykn haxxifate, hancufni isaa tuqe tasa harkaan tuqanii san booda harkuma sanii afaan, funyaaniifi ija tuttuqan karaa kanaanis ni daddarba.


IX. Namoota akkimiituu irra miidhama ykn isaan kamtu daran saaxilamoodha?

* COVID-19 miidhaa erga ammaa geesse irraa yoo ilaallu namoota kaan caalaa isaan armaan gadii kun carraa isaan dhukkubichaan miidhamuufi du’uu isaanii kan nama biroo irraa xiqqoo olka’aadha.

* Jaarsotaafi jaartolee umriin isaa woggaa 60 olta’e (adaduma umrii dabaluun carraan dhukkuba kanaan miidhamus dabala).
* Namoota Dhukkuba Sukkaaraa qaban
* Namoota Dhukkuba Dhiibbaa Dhiigaa qaban
* Namoota Dhukkuba Onnee qaban
* Namoota Dhukkuba Sirna Hargansuu yeroo dheeraf nama irra turu qabaniifi
* Isaan Kaansarii qaban irratti, nama kaan caalaa miidhaa ni qaqqabsiisa.

Hub: Namoota dhukkuba kana qaban qofa huba jechuu kiyyaa miti. Isaan dhukkuba kana qaban hin dandamatan jechuu kiyyas miti. Garuu namoota kaan caalaa carraan miidhamuu isaani olka’aadha.

– Ragaa erga ammaa jirun umrii 18 gadi kan Dhukkuba COVID-19 kanaan qabaman %2.4 qofa.

—-
—-
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!

©Dr. Nuredin L.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here