DHUKKUBA ONNEE (HEART DISEASE) – Dr.Gurmeessaa

0
749

Dhukkuba onnee gaafa jedhamu akkuma dhukkuba kalee dhukkuboota hedduu ta’aniif yoo barreffaman kitaaba baay’ee guddaa tokkoon illee dhumuu hin dandeenye gaafa ta’u hunda isaanii takkaan ibsuun akka hin danda’amne hundi keenya illee ni beekna. Suuta suutaan garuu waanti hin taane hin jiru. “Ni turra malee ni urra jette boombiin” jedha Oromoon! Har’aaf kanan ibsuu barbaade dhukkube onnee akka tasaa namatti dhufu (heart attack) kan jedhamudha.
1. AKKAMIIN UUMAMAA?
Onneen qaama keenya hundaaf akkuma dhiiga raabsitu ofii ishiitiifis dhiiga ni barbaaddi. Maashaa furdaa (muscle) ittiin dhiiga qaama hundatti darbattu keessa hidda dhiigaa ofii ishii kan coronary vessel jedhaman qabdi. Heart attack kan jedhamu kun kan namatti dhufu yoo hiddoonni dhiigaa dhiiga dhaaba onneetiif raabsan kun akka tasaa cufamaman (blocked) ta’anidha. Onneen dhiiga ofii ishiitii dhabde jechuun human ittiin qaamaaf dhiiga rabsitu waan dhabduuf raabsuu dadhabdi. Yeroo hedduu hidda dhiigaa kana kan cufu dhiiga ititedha.
2. MALLATTOOWWAN AKKAMII ARGISIISAA
Mallattoon isaa innii jalqabaa dhukkubbii qomaa ykn laphee gama bitaa kan akka ba’aan wayii namatti fe’ameetti namatti dhaga’amu dha. Dhukkubbiin kun qoma irraa ka’ee gara mormaa, irree (saggoo gama bitaa) fi dudduubaatti illee deemuu danda’a. Dhukkubbiin kun akka tasaan kan namatti dhufudha. Inni kan biraan afuura baafachuu dadhabuu fi hafuurri namatti hanqachuu ( shortness of breath) kan jennudha. Kunis akka tasaa kan namatti dhufudha. Sodaa fi dadhabbiin guddaan akka tasaa namarra ba’uu, kufuu, balaqqamuu, dafquu fi kkf. illee ni argisiisa. Mallattoolee kana ofirratti argine jennaan gara mana yaalaa deemnee ilaalamuu qabna. Mallattoolee kana qabna jechuun garuu dirqama dhukkuba kanaan qabamne jechuu miti. Dhukkuba kana kan adda baafannu erga mana yaalaa deemnetti meeshaa ECG jedhamuun ilaaludhaani.
3. YAALA ISAA
Yaaliin dhukkuba kanaa walumaa galatti yaalii hatattamaa (emergency) dha. Kanaafuu akkuma hospitaala ga’ameen yaalii fi qorichootni garaagaraa ni kennamu. Yaalii kana keessaa tokko thromboliysis yokaan qorichaan dhiiga itite sana diiguudha. Inni lammaffaa PCI percutaneous cardiac intervention kan jedhamu alaan seenanii ujummoo dhiigaa cufame sana keessa ujummoo biraa galchuudha. Yaaliiwwan kun biyya keenya keessatti keessumattuu hospitaala mootummaa keessatti argachuun isaani ulfaataadha. Torbee darbe keessa garuu Hospitaalli Hyder kan Maqaleetti argamu yeroo jalqabaaf PCI hojjateera jedhu warri DirreTube.com. kanaafuu inni murteessaan ittsuu isaa irratti xiyyeeffachuudha.
4. AKKAMIIN ITTISUU DANDEENYAA?
• Tamboo xuuxuu dhiisuun isa hangafa.
• Nyaata dhadhaa fi kan isa fakkaatan qabu xiqqeessuu
• Dhiibbaa dhiigaa yerooo yerootti deemnee ilaalamuu
• Dhukkuba sukkaaraa kan qabnu yoo ta’e sirriitti qoricha hordofuu qabna.
• Ulfaatinni qaamaa baay’ee olka’aa yoo ta’e gadi buusuu qabna
• Yoo kana dura takkaa dhukkubni kun nutti dhufee jira ta’e akka nutti hin deddeebineef qorichoota mana yaalaa irraa kennaman seeraan hordofuu qabna.
• Sochii qaamaa hojjachuu. Kunis waan ulfaataa osoo hin taane deemsa fi kkf. waanuma qaama sossochoosan torbanitti al afur daqiiqaa 30 yokaan isaa ol dalaguudha.
• Waantotni sammuu nu dhiphisan (stress) yoo jiraatan ofirraa fageessuu fi kkf. dha.
Dr. Gurmeessaa

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here